Raabsa qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne ittisuuf karoorri tarsiimoo waggaa shanii qophaa’eera.


Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaatti raabsa qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne ittisuuf karoorri tarsiimoo waggaa shanii qophaa’uu ifoomse.

Ministeerri Fayyaa Dr. Maqidas Dhaabaa raabsa qorichaa sadarkaa gadi aanaa fi wal fakkeessuun raabsamu ittisuuf tumsi qooda fudhattootaa cimsuun murteessaadha jedhan.

Akka Dr. Maqidas jedhanitti, mootummaan hojii uummataa fi qooda fudhattoota waliin taasiseen gama tajaajila fayyaa hundaan bu’aa gaarii galmeessisee jira jedhan.

Ittisa dhukkuba malees imaammanni fayyaa haaraan wal’aansa irratti xiyyeeffate hojiirra oolaa fi jijjiirama fidaa jira jedhan.

Ministirri kun itti dabaluudhaan, dhiyeessiin qorichaa guddachaa fi babal’achaa osoo jiruu, qorichoonni sadarkaa gadi aanaa, nageenya hin qabnee fi bu’a qabeessa hin taane gabaa akka hin seenne sirna ittisaa, adda baasuu fi deebii kennuu cimsuun xiyyeeffannoo guddaa akka barbaadu ibsaniiru.

Sirna danbii fi dhiyeessii ammayyeessuun dijitaala taasisuu irratti xiyyeeffachuun sirna haaraa dabalataa hojiirra oolchuuf adeemsa irra akka jiran ibsanii jiru.

Tarsiimoon qoricha sadarkaa gadi aanaa ykn sobaa ittisuu, adda baasuu fi deebii kennuuf har’a ifoome, teeknooloojii ammayyaatti fayyadamuun adda baasuu fi mirkaneessuu kan dandeessisu ta’uus hubachiisaniiru.

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qoricha Itiyoophiyaa Heeraan Garbaa akka jedhanitti, damee to’annoo qorichaa guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamuu fi kanaanis bu’aa gaariin galmaa’uu ibsaniiru.

Tarsiimoon haaraan qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne fi wal fakkeessuun oomishaman ittisuuf qophaa’e fayyaa hawaasaa eeguuf murteessaa waan ta’eef dhaabbileen dhimmi ilaallatu tumsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Mootummaan Zimbaabuwee seera bara...

  Kaabineen Zimbaabuwee wixinee seeraa bara angoo pirezidaantii biyyattii hanga...

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti torbeen...

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti torbeen Baazaarii fi...

Scroll to Top