Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun gaggeeffame.


Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata duree ‘Adwaa:Injifannoo waloo yaadannoo waliinii’ jedhuun bakka hooggantoonni mootummaa, haayyoonnifi keessummoonni garaa garaa argamanitti galma Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffameera.

Waltajjichi bakka hoggantoonni mootummaa, haayyoonni fi keessummoonni dhaabbilee garaa garaa irraa affeeraman argamanitti galma Waajjira Pirezidaantiitti gaggeeffamee jira.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa saganticharratti haasaa taasisaniin Itoophiyaan biyya birmadummaan ishee wareegama qaalii Abbootni keenya kaffalaniin tikfamaa kan dhufte fakkeenya bilisummaa Gurraachotaati jedhan. Dirreewwan gootummaan abbootii keenyaa irratti mul’ate keessaa Adwaan angafummaan kan eeramudha. Kunis, kennaadhaan osoo hin taanee wareegama qaalii lafee birmadummaa biyyaaf cabeefi dhiiga dhangala’een injifannoo galmaa’e ta’uu ibsaniiru.

Adwaan injifannoo seenessa koloneeffattootaa cabse; dabaafi shira diinaa hunda kan diige waltajjii guddaa Idil-Addunyaawaadha. Dirree falmii haqaafi diddaa garbummaa finiinse, garaagarummaa akka miidhaginaatti tokkummaa akka humnaatti fayyadamuun ijaaramee hoggansa tarsiima’aanis masakamuun humni Koloneeffattootaa kaayyoo Afriikaa qircachuu qabatee duulaan dhufe kan itti injifatamedhas jedhan. Injifannoo yaadama sirna garboomsaa kan diige ilaalcha walqixxummaa namoomaaf boqonnaa haaraa kan saaqe akka ta’ees Obbo Hayiluun himaniiru.
Adwaarratti gootonni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaatti; Bahaa hanga Dhihaatti garaagarummaa keessoo cinatti dhiisuun, mufiiwwan sirna bulchiinsaa irraa qaban bulfachuun gamtaan ka’anii wareegama qaalii waloon kaffalameen birmadummaan biyyaa kan itti tikfame gootummaa Itoophiyaa kan ittiin labsamedha.Injifannoon kun humna sabdaneessummaan kan galmaa’e Itoophiyaatti ulfina horuun diinota kan qaanessedha. Kanaaf, Adwaan qaama seenessa waloo tokkummaa cimsee gaaddisa waloomaa jalatti Itoophiyummaa kan sassaabe eenyummaa keenya dhugaa yeroo hundaa akka ta’ees eeraniiru.
Goototni Oromoofi sabootni walta’anii lolanii lolchiisuun diina daangaa ce’ee birmadummaa biyyaa sarbuuf dhufe barbadeessanii qaanii itti uwwisuun ofirra deebisaniiru kan jedhan Obbo Hayiluun, humna madaala waraanichaa jijjiiruu keessattis goototni Oromoo lafoofi Fardeeniin loluurraa hanga ajajoota waraanaa ta’anii lolchiisuutti injifannoo galmeessuun seenaa ijaarsa Itoophiyaa keessatti ashaaraa hin darbine kaa’aniiru jedhan. Adwaan injifannoo seenessa waloo guddicha imala ijaarsa Itoophiyaa hundaan hundaaf hundarraa taate milkeessuu keessatti bu’uura kan kaa’edha jedhan.
Dhalootni haaraan kunis waggoota Torban darbe gama tokkoon birmadummaa biyyaa tiksaa gama biraatiin pirojektootaafi hojiiwwan misoomaatiin injifannoo galmeessuun ashaaraa isaa kaa’aa jira. Kanaanis akkuma Abbootni keenya Adwaarratti seenaa hojjetan dhaalootni haaraan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ijaaree xumuruun injifannoo fakkeenya Adwaa 2ffaa ta’e kaa’uun kan danda’ame ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiin Hidha Haaromsaa xumuramuu hordofee labsiiwwan seena qabeessa Gubaarratti labsamaniiru. Ajandaan waloo hojmanee hunda keenyaa ta’ee jirus imala haaraa hidharraa gara Ulaa Galaanaatti tarkaanfate jirudha. Kunis qabeenya Ulaa Galaanaa shiraan dhabne karaa seera Idil-Addunyaa eegeen deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhan. Ulaan Galaanaa seenaanis seeraanis Itoophiyaaf kan malu ta’uu qorannoon deeggaruun hubachuufi hubachiisuu irratti hojiin eegalame daandii milkaa’inaa kan saaqe akka ta’e kaasaniiru.
Hojmanee dhaloota kanaa kan biraan marii biyyaalessaa jalqabamee jiru fiixaan baasudha kan jedhan Obbo Hayiluun, galma kana dhugoomsuun imala ijaarsa biyya jabduufi mootummaa cimaa jalqabame milkeessuuf dhimmoota waloon irraanfachuu qabnu waloon irraanfachaa dhiifamaan ce’uun dhimmoota waloon yaadatamuu qaban utubaa ijaarsa biyyaa taasisuun yaadachaa egeree ijaaruun murteessaa ta’uu himaniiru.
Gumii Balal marsaa 49ffaa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti mata duree “Adwaa: Injifannoo waloo yaadannoo waliinii” jedhuun qophaa’e irratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Yuuniversiitii Haromaayaatti barsiisaa fi qorataa seenaa kan ta’an Dr.Rattaa Dhugumaa, ibsa kennaniin injifannoon Adwaa seenaa waloo uummatni biyya keenyaa waggoota dheeraaf waliin qabuu dha jedhan.
Saba,sablammoonniifi uummattoonni waamicha biyya baraaruuf taasifame osoo wal hin qoodin ba’ee injifannoo galmaa’e ta’uus eeraniiru.
Seenaa xiqqaa guddaa,beekaafi wallaalaa,dhiiraafi dubartii osoo wal hin qoodiin qaama teeknoloojii hidhatee nu caalu injifachuun Afrikaaf seenaan addaa tokkummaan itti galmaa’e ta’uus ibsaniiru.
Akkasumas Adwaan mallattoo bilisummaa Paan Afrikaa ta’uun akka galmaa’ee jirus dubbataniiru.
Adwaan alattis saba,sablammoonnifi uummatni Itoophiyaa aadaa,hawaasummaafi amantaan walitti hidhamuun seenaa waloos waliin qabaachuu himaniiru.
Adwaa irraas tokkummaan humnaafi injifannoo akka argamsiisuu danda’u irraa baranneerra jechuunis himaniiru.
Dhaloonnni amma jirus rakkoo biyya mudatuufi birmadummaa biyyaa sarbu walgargaarsa,tokkummaafi jaalalan ijaaramee injifachuu akka qabus Dr.Rattaan yaadachiisaniiru.
Gumii balal marsaa 49ffaa guyyaa har’aa waajjira pirezidaantii Oromiyaatti mata duree “Adwaa: Injifannoo waloo yaadannoo waliinii” jedhuun taa’ame irratti argamuun kan mariisisan Daarektera Olaanaa Abbaa Taayitaa To’annoo Galteefi Oomisha Qonna Oromiyaa kan ta’an Dr. Birhaanuu Leenjisoo, injifannoon Adwaa calaqqee eenyummaa keenya ibse kan dirree lolaa irratti arganneefi addunyaatti hiikkoo guddaa argatee dha jedhan.
Lolli kunis lola eenyummaa adiifi gurraacha gidduutti taasifameefii yaada olaantummaa warra adii kuffise ta’uus himaniiru.
Itoophiyaan yeroo sanatti gurmaa’insa caasaa mootummaafi waraanaa cimaa qabaattee osoo hin taane goototaafi saba tokkummaa qabu qabaachuu akka ta’es Dr. Birhaanuun himaniiru.
Lolli Adwaa olaantummaa adii kan kuffise,eenyummaa keenya kan dhugoomseefi fincila sochii bilisummaa biyyoota biroo akka cimses dubbataniiru.
Tokkummaa dirree lolaa Adwaa irratti arganne ammas hidha haaromsaa guddicha tokkummaan akka xumurre kan ulaa galaanaas tokkummaan milkeessuu akka barbaachisus Dr. Birhaanuun yaadachiisaniiru.
Gumii Balal marsaa 49ffaa mata duree “Adwaa: Injifannoo waloo yaadannoo waliinii” jedhuun geggeeffamaa jiru irratti hayyoonni hirmaatan yaadota dhugaafi seenessa waloo ibsan kaasaniin Injifannoon Adwaa seenaa jiraatu hanga himamuun olitti guddaafi hamilee Afrikaanotaa cabetti humna horeedha jedhan.
Barreessitoonni gurguddoo Addunyaarratti beekamanis injifannoo seenaa gurraachotaa jijjiire ta’uu ragaa ba’uu isaaniis ibsaniiru.
Abbootni keenyas tarsimoo lolaa qindeessuun warra adii meeshaa ammayyaa qaban irratti injifannoo argamsiisuun kutannoofi jaalalli isaan biyyaaf qaban guddaa ta’uu isaa ibsa jechuun dubbataniiru.
Itoophiyaan seenaa keessatti biyya kamiif osoo hin jilbeenfatin birmadummaa ishee eeggachaa akka turteefi gootonni Oromoos birmadummaa biyyaa eegsisuu keessatti ga’ee guddaa qabu jedhan.
Birmadummaan biyyaa eegamuun sabaafi sab-lammoonni biyya keenyaa hariiroo waliin jireenya hawaasummaa gaarii akka qabaataniif gumaacha taasisuus kaasaniiru.
Dhaloonni ammaas seenaa durii dubbachuu qofa osoo hin taane, ga’ee nurraa barbaadamu haala yeroon barbaaduun gumaachuun seenaa dalagnee darbuu qabna jechuunis dubbataniiru.
Tokkummaa uumuun jaalala biyyaa qabaachuun humna,qabeenyaafi beekumsa keenya qindeessuun biyya haa ijaarru jechuunis dhaamaniiru.
Maddi : Biiroo Kamnikeeshinii Oromiyaa
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Ijoollee sababoota garagaraan talaalli...

Biiroon fayyaa Oromiyaa sagantaa tajaajila talaallitiin ijoollee sababa adda addaatiin...

Eebba Mana barumasaa ‘Hawassa...

Mo’aa: (May 31. 2025 ) Finfinnee Manni barumasaa ‘Hawassa international...

Baasiin Safaariikoom hojii gaggeessuuf...

Sababa Kanaanis Safaariikoom Itoophiyaan bara baajataa 2024 doolaara Ameerikaa miliyoona...

Scroll to Top