”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga Filannootti” !


Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti xiyyeeffatu mata duree “Waadaa gochaan: Filannoo hanga Filannootti” jedhuun qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Magaalaa Finfinnee giddu gala Aadaa Oromootti banameera.

Hogganaa biiroo kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa sagantaa kana irratti haasawaa taasisaniin biyya jabduu mootummaa cimaa qormaata kamiyyuu qolachuun , waadaa gale gochaan raawwachuu irratti argama, mootummaan oromiyaas aantummaa uummata isaaf qabu milkeessuu irratti argama jedhan.
Mootummaan imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun inisheetiiviiwwaniin masakee baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun badhaadhina bu’uura amansiisaa irratti ijaaraa jiraachuu kaasuun, Waadaa gale hundas gochaan dhugoomsaa filannoo hanga filannoottis hojii hojjetamaa dhufeen, waadaa gale raawwatee, sirna bu’uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.
Akkasumas uummanni iftoomina akka argatu deggeruufi fayyadamummaa isaa akka argatu gochuu irratti argama, sagantaan agarsiisa egzibiishinii kunis hojii mootummaa oromiyaa waggoota shanan darbanii kan keessatti agarsiifamuudha jedhan.
Hoogganaa waajjira Paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa haasawaa taasisaniin Biyyi keenya Itoophiyaan biyya goototaa ti, abbootiin keenya wareegama kaffalanii biyya keenya bilisummaatti eeganii jiru jedhan.
Baga jala bultii bitootessa 24 geessan jechuun, Bitootessi 24 rakkoo siyaas diinagdee fi hawaasummaan biyya diigamuuf turte baraaree jira, kunis aarsaa kaffalameen jijjiiram dhufeedha jechuun warreen aarsaa kaffalan galateeffataniiru.
Wareegama kanaanis Itoophiyaa gara daandii badhaadhinaati ceesisuun danda’ameera jedhan.
Humni abjuu paartii keenyaan eegalame gaanfa Afriikaa keessatti olaantummaa gonfachaa jira, waggoottan shanan darbanis injifannoo qaqqalii gonfatee jira.
Cabiinsa diinagdee hawaasummaa fi siyaasaa furuuf daandii sirrii qabannee jira, hojii filannoo hanga filannootti hojjechuuf karoorfanne baay’ina qulqullinaa fi ariitiin raawwannee uummataaf dhiyeessineera jedhan.
Sagantaan egzibiishinii kunis agarsiiftuu milkaa’ina keenyaa yoo tahu,Biiroleefi dhaabbileen mootummaa naannoo Oromiyaa hojiilee manneen hojii isaanii keessatti hojjetan kan itti dhiyeessanii dha jechuun agarsiisa kana ifatti saaqanii jiru.
Agarsiisni raawwii hojii mootummaa waggoota shanan darbanii Biirolee fi dhaabbilee mootummaa qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin dhihaate bakka Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Kaffaloo Tafarraa dabalatee hooggantoonni olaanoo Federaalaa, Naannoo fi hojjettoota sektarootaatiin daawwatameera.
Sagantaa agarsiisaa kana irratti biirooleen Oromiyaa fi dhaabbileen mootummaa milkaa’ina imala waggoota darbanii, waadaa ittiin dhugoomsaa turan kallattii garaagaraatiin agarsiisaaf dhiheessanii jiru.
Hirmaattonni sagantaa kana irratti argaman yaada kennaniin, agarsiisni akkasii imala jijjiiramaa fi raawwii hojii mootummaa keessatti mul’atan adda baasuun agarsiisaaf dhiheessuun kaka’umsa uumuu fi qulqullina hojii dabalu keessatti shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.
agantaa agarsiisaa fi egzibiishinii qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatin qopha’e irratti Deetaa Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Federaalaa Obbo Kabbadaa Deesisaa ibsa miidiyaaleef kennaniin agarsiisni egzibiishinii raawwii MNO qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa’uun dhuyaate,odeeffannnoo, imaammataa, tarsiimoo,karooraafi sagantaa mootummaa naannichaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan.
Waggoottan shanan darbanitti raawwiin gama diinagdee,sayaasaafi hawaasummaan galmaa’e boqonnaa haaraa kan saaqe ta’uu kan eeran Obbo Kabbadaan jijjiiramni gama hundaan jiraachuu kaasuun, keessumattuu milkaa’inni damee qonnaatiin galmaa’e fakkeenyummaa kan qabuufi seenaa biyya keenyaa gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti kan jijjiiredha jedhaniiru.
Walumaagalatti agarsiifni kun jijjiirama naannoon Oromiyaa gama hundaan galmeessaa jirtu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Oromiyaatti  galma Inisheetivii Bunaa...

Oromiyaatti  galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf  sanyii buna fooyya’aa  babal’isuun  xiyyeeffannoon...

Manni maree ministirootaa walgahiisaa...

Manni maree ministirootaa walgahii 48ffaa har’a gaggeesseen murtoowwan garagaraa dabarse....

Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa...

Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “dhabuudhan baayyanachuu...

Scroll to Top