Waggoota jijjiiramaa darban qabsoo saba keenyaa gulantaa ittaanutti ceesisuuf galmoota ifa ta’an…

Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 3ffaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Gamaggamichi bakka PMNO Obbo Shimallis Abdiisaafi Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Saa’adaa Abdurraahman argamanitti eegale.

Gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa kan bara 2018 irratti argamuun haasaa kan taasisan PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabsoo saba keenyaan jijjiirama argame gulantaa itti aanutti ceesisuuf waggoottan shanan darban keessa diinagdee,barnootaafi teeknoloojiin guddisuuf hojjechaa ture jedhan.
Gaaffii dhaloonni gama kanaan qabu deebisuuf halkaniifi guyyaa hojjetamaa akka tureefi bu’aa qabatamaanis argamaa jiraachuus ibsaniiru.
Raawwiin keenyas lakkoofsaan ibsuu osoo hin taane dhimmoota gurguddoo afur maaltu milkaa’e ykn hin milkoofne,humnoota misoomaa sadan akkamiin fayyadamaa turre,dhimmoota sirnaafi saba qoran akkamiin hogganaa turre kan jedhuufi hojiiwwan harcaa’anii hafanis haala itti xumuruun dandaa’amun ilaalamuu akka qabu akeekaniiru.
Karoorri bara hojii 2019 qophaa’us muuxannoofi milkaa’inoota darban fayydamuun,haala komiifi gaaffii uummataa deebisuufi humna raawwatu sadarkaa sadarkaan jiru bifa ibsuu danda’uun qopheessuu akka barbaachisus Obbo Shimallis yaadachiisaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraas ji’oottan saglan darban keessa hojii gaariin hojjetamuufi tumsi hawaasaas cimaa ta’uu ibsanii,qormaatilee hedduu keessaa darbamuun bu’aa guddaan galmaa’eera jedhan.
Kutannoon jiru sadarkaa hundatti walfakkaataa akka hin taanes ibsanii,yeroo gabaabaa hafe keessattis hojiiwwan hafan kutannoofi miira xiiqii olaanaa qabuun hojjechuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjatamuu akka qabu dhaamaniiru.

Haaluma Wal fakkaatuun Qorannoo raawwi hojii kurmaana 3ffaa magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jiru irratti itti gaafatamaan Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Dr.Mangistuu Baqqalaa Paartiin Badhaadhinaa Damee Oromiyaa hojiiwwan kenna tajaajilaa hawaasaa fooyyessan irratti kutannoon hojjechaa ture jedhan.
Manni maree waloos paartilee 21 ta’aniin ijaaramee jiraachuu himanii, hirmaannaa dargaggootaafi fayyadamummaa dubartootaa haalaa mirkaneessuun dandaa’amu irrattis hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Qaamolee hidhatanii turanii karaa nagaan galaniif haaromsi akka kennamuun hawaasatti makaman hojjechaa turuufi hojiin filannoos akka milkiin xumuramuuf hojii guddaa hojjechaa turuunis ibsameera.
Hoggansa qormaata dandamatee hojjetu horachuun dandaa’amuufi hubannoon yaadama ida’amuu irratti qabanis dabalaa jiraachuus Dr. Mangistuun heeruun ammas hojii xiqqootti quufuun ni jira jedhan.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Magaalaa Shaggaritti bara kana...
Akka magaalichaatti hojiiwwan karoorfaman akkaataa karoorfamaniin baay’ina, qulqullinaafi fi ariitii...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...
Hoggantoonni Awurooppaa waraana Yukireen...
Awurooppaan waraana Yukireen dhaabuuf Raashiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu beeksiste....

Yaada Kenni