Magaalaa Shaggaritti bara kana pirojektoonni invastimantii 1,150 ta’an lammiilee 195,552 ol ta’aniif carraa hojii uumuu danda’an simatamaniiru.
Kan Maxxanse: moadmin |
Adoolessa 26, 2025

Akka magaalichaatti hojiiwwan karoorfaman akkaataa karoorfamaniin baay’ina, qulqullinaafi fi ariitii barbaadameen hojjetamanii tajaajila hawaasaaf oolfamaa jiraachuu isaanii irratti hordoffii fi to’annaa taasifameen hanqinaaleen mul’atan ariitiin akka sirreeffamaniif kallattii kennamaa tureen hojin bu’a qabeessi hojjetamuus kaasuun Yaa’ichi saaqame.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa, gabaasa waggaa bara 2017 Yaa’iif dhiyeessaa jiraniin, bara baajataa 2017tti fayyadamummaa hawaasa Magaalichaa dhugoomsuuf karoora hiixataa baasuun baay’inaan, ariitii, qulqullinaa fi yeroodhaan raawwachuuf xiyyeeffannaa fi hordoffii cimaa taasifamaa tureen bu’aawwan hedduu galmeessuun kan danda’ame tahuu ibsaniiru.
Bara 2017tti pirojektoota gara garaa baajata mootummaatiin 308, hirmaannaa ummataa fi badhaadhina maatiinpirojektoota 8613 ta’an hojjetamanii xumuramuun tajaajilaaf banaa akka ta’an himaniiru.
Kana malees, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa ta’e kennuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf rifoormii “Tajaajila iddoo tokkoo” hundeessuun rakkoo kenniinsa tajaajilaa ummata keenyaa baroota dheeraaf rakkoo guddaa ture furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Gama Biraatiin Yaa’ii Kanarratti akka ibsametti Magaalaa Shaggaritti bara oomishaa 2016/17tti qonna Gannaatiin lafa hektaara 81,538 misoome irraa callaa kuntaala Miliyoona 3.2 ol argamuu danda’eera. Oomishitummaanis hektaara irraa giddu-galeessaan kuntaalli 39.99 argamuu danda’eera.
Inisheetiiviitii misooma qamadii Boneetiin hojii hojjetameen lafti hektaara hektaara 42,602 facaafame irraa callaa kunt. Miliyoona 2.53 argameera. Raabsaa callaa guddistuutiin wal qabatees, bara oomishaa 2017/18tti xaa’oo kuntaala 191,990 raabsuuf karoorfame kuntaalli 150,350.5 dhiyaatee raabsameera. Gabbina biyyoo dabaluuf bara kana kompoostii idilee meetir kuubii 287,841 fi kompoostii raammoo kuntaala 9,579 qopheessuun danda’ameera.
Kana malees Bara 2017tti maddoota garaa garaa irraa galiin qarshii biliyoona 24 ol walitti qabamuu Yaa’iin Idilee 10ffaa kurmaana 4ffaa bara 2017 Mana Maree Magaalaa Shaggar gaggeeffamaa jirurratti ibsameera.
Bulchiinsi magaalaa Shaggar dinagdee dam-daneesaafi itti fufiinsa qabu uumuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjechaa jira.
Dinagdee magaalichaa ijaaruu keessatti galii sassaabuun tokko yoo ta’u maddoota galii garaa garaa qorannoon addaan baasuufi hojimaata sassaabbii galii fooyyessuun galii magaalichaa waggaa waggaadhaan guddisuun danda’amee jira.
Bara baajata 2017 kanas Galii Idilee qar. bil. 13.3, Galii Mana Qopheessaa qar. biliyoona 8.99 galii keessoo qar.biliyoona 2.04 kan walitti qabame yoo tau waliigalaan qar. biliyoona 24.35 sassaabuun danda’ameera.

Dabalataan Magaalaa Shaggaritti bara 2017tti hirmaannaan barattoota Bu’uura Boruu 121,038, sadarkaa 1ffaa kutaa 212,788 fi barattoota sadarkaa 2ffaa 42,883 waliigala bu’uura boruu irraa hanga kutaa 12ffaatti barattootni 376,709 barachaa turaniiru.
Dhaabbilee barnootaa babal’isuun wal qabatees bara kana manneen barnoota bu’uura boruu 95 ijaramanii xumuramuun lakkoofsa manneen barnoota bu’uura boruu gara 228tti oli guddisuun danda’ameera.
Kana malees, bara kana manneen barnoota sadarkaa 1ffaa 11 ijaaramuun baay’ina manneen barnoota sadarkaa 1ffaa gara 155tti ol guddisuun danda’ameera.
Dabalataan Bara kana tarkaanfii addaa fudhatamaa jiruun magaalaan Shaggar bakka gurgurtaa qofa osoo hin taane giddu-gala oomishaa ta’aa dhufeera jedhame.
Haaluma kanaan, magaalichatti kilaastara beelladaa 5,581 hojjetame keessatti horii aannanii 42,911, furdisa horii 43,867, Lukkuu miliyoona 2,715,426, horsiisa booyyee 23,456 fi qurxummii 129,780 milkeessuun danda’ameera.
Hojii hojjetamaa jiru kana irraas hawaasni magaalichaa 76,352 ta’an fayyadamoo akka ta’an Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii MNOtti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa gabaasa hojii bara 2017 Yaa’ii Idilee 10ffaa kurmaana 4ffaa gaggeeffamaa jiru irratti eeraniiru.
Magaalaa Shaggaritti bara kana pirojektoonni invastimantii 1,150 ta’an lammiilee 195,552 ol ta’aniif carraa hojii uumuu danda’an simatamaniiru.
Pirojeektoota investimantii haaraa simataman keessaa qonnaan bultootaa 502, waldaalee hojii gamtaa lama, waldaaleen IMX 18 fi abbootii qabeenyaa 628 ta’an simatamuun murtee argataniiru.
Akkasumas Sadarkaa Itti Aanaa kantiibaatti Qindeessaan Kilaastara Qonnaa fi Misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu, Yaa’icharratti gaaffii ka’eef ibsaa fi deebii kennaniin, bara kana fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf leenjii fi deeggarsa ogummaa kennuu akkasumas dhiyeessii fi galtee qonnaa mijeessuun kilaastaroota qonnaa 5,000 olqopheessuun hawaasa 77,000 tahu fayyadamoo taasisuun kan danda’ame tahuu himaniiru.
Keessattuu, qonnaan bultoonnii fi ijoolleen qonnaan bulaa fayyadamoo akka ta’aniifis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Gara fuula duraattis, inisheetiiviiwwan hunda keessatti fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu tahuu himaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen 8...
Godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu namaafi mancaatii qabeenyaa hordofsiisuun jiruuf...
Magaalaa Shaggaritti bara kana...
Akka magaalichaatti hojiiwwan karoorfaman akkaataa karoorfamaniin baay’ina, qulqullinaafi fi ariitii...
Iraan sababa waraana Ameerikaa...
Iraan sababa waraana Ameerikaa fi Israa’el waliin taasifteen kallattiinis ta’e...
Yaada Kenni