Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota gaaffiin koolugaltummaa isaanii fudhatama dhabe gara Ruwaandaatti erguuf akka jiran ifoomsan.


Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota iyyanni koolugaltummaa isaanii kufaa ta’e gara Ruwaandaatti erguuf akka jiran beeksisan.

Jarman, Deenmaark, Oostiriyaa, Giriik fi Neezarlaandis bara Faranjootaa 2027tti wiirtuuwwan baqattoota ari’aman simachuu danda’an Ruwaandaa keessatti ni banu jedhamee akka eegamu ibsa mootummoonni Neezarlaandii fi Deenmaark baasaniin beeksisaniiru.

Biyyoonni kunneen baqattoota deebi’an akka keessummeessituuf biyya Afrikaa tana waliin waliigaltee irra ga’uuf hojjechaa jiraachuu isaanii kan beeksisan ji’a Fulbaanaa keessa ture.

Sagantaan kun kan hojiirra oolu baqattoota biyyoota kanneen keessa karaa seeraan alaa jiraatanii fi akka ari’aman murtaa’e irratti ta’uus biyyoonni kunneen ibsaniiru.
Mootummaan Neezarlaandis sagantaan kun baqattoota gara biyya isaaniitti deebi’uu hin dandeenyeef filannoo ni ta’a jedheera.Baqattoonni kunneen hawaasa Ruwaandaa waliin makamanii jiraachuu ykn gara biyya isaaniitti deebi’uu akka danda’anis biyyoonni kunneen beeksisaniiru.

Tarkaanfiin kun kan hojiirra oolu baqattoota biyyoota kanneen keessa jiraachuuf gaaffii koolugaltummaa dhiyeessanii fudhatama dhabanii fi karaa seeraan alaa jiraatan irrattidha.
Karoorri biyyoota kanneenii sagantaa Yuunaayitid Kiingidam (UK) kanaan dura jalqabdee turtee fi booda mana murtiitiin dhorkame irraa adda.

Yunaayitid Kiingidam bara Faranjootaa 2024tti baqattoonni biyya sadaffaa keessa ta’anii dhimma isaanii akka hordofaniif mootummaa Ruwaandaa waliin waliigaltee irra geessee turte. Haa ta’u malee, waliigalteen kun mormii hedduu erga keessummeessee booda kan diigame yoo ta’u, sababa waliigalteen kun diigameef Yunaayitid Kiingidam maallaqa paawundii miliyoonaan lakkaa’amu akka hin adabamne manni murtii idil-addunyaa murteessee ture.

Karoora amma biyyoonni shanan ifoomsan kanaan garuu, baqattoonni gara biyya sadaffaatti ergaman biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa keessa turuuf sababa seeraa dhiyeessuu kan hin dandeenye yoo ta’an, baqattoota dhimmi isaanii adeemsa irra jiru hin ilaallatu.

Biyyoonni kunneen marsaa jalqabaatiin kan deebisan dhiirota hin fuune ta’uus ibsaniiru.

Karoorri qabame kun baay’ina baqattoota ari’amanii dabaluu fi godaansa seeraan alaa dhaabuuf tarkaanfii bal’aa fudhatamu keessaa qaama tokko jedhameera.

Karoorri biyyoota kanneenii kan ifoome dambii to’annoo Gamtaa Awurooppaa haaraa adeemsi baqattoota ari’uu akka saffisuu fi biyyoonni miseensaa Awurooppaan alatti wiirtuuwwan baqattoota deebi’anii akka hundeessan hayyamu erga ragga’ee booda. Yuunaayitid Kiingidam karoora kana hordofaa jiraachuu ishee ibsiteetti.

Filannoon biyyoonni Awurooppaa hedduun gaggeessan dhiyaachaa kan jiru yoo ta’u, sochiin farra baqattootaa babal’achaa jira.
Mootummoonnis godaansa to’achuu danda’uu isaanii gochaan akka agarsiisan dhiibbaan irratti taasifamaa jira. Xiinxaltoonni karoorri kun kutannoo mootummootaa kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Haa ta’u malee, falmitoonni mirga namoomaa baqattoonni gara biyya hariiroo tokkollee hin qabneetti yommuu ergaman sarbamni mirgaa isaan mudachuu danda’a jechuun karoora kana irratti gaaffii kaasaniiru.

Hoggantoonni biyyoota shananii irra deddeebi’anii karoorri isaanii seera Gamtaa Awurooppaa fi seera idil-addunyaa kan kabaje ta’uu ibsuun; kaayyoon imaammata kanaa inni guddaan baqattoota baay’inaan ari’uu osoo hin taane godaansa seeraan alaa ittisuudha jedhaniiru. Baqattoonni Awurooppaa seenuuf yooroo kumaatamaan lakkaa’amu daldaltoota namaatiif kan kaffalan gara biyya sadaffaatti ergamuuf ta’uu isaanii beekuun imala balaafamaa akka hin goone isaan taasisa jechuunis falmaniiru.

Oostiriyaan karoorri kun sirna koolugaltummaa Awurooppaa salphisuu fi daldaltoota namaa seeraan alaa dhaabuuf ni gargaara jetteetti.
Ruwaandaan gama isheetiin “baqattootaaf furmaata nageenyi isaa eegame, seera qabeessaa fi kabaja qabu” dhiyeessuuf kutannoo qabaachuu ishee ibsiteetti.
Haa ta’u malee, qeeqxonni tarkaanfiiwwan cimaanii fi sagantaan baqattoota ari’uu godaansa itti fufiinsaan ni hambisa jedhanii hin amanan.Ameerikaanis waggaa darbe namoota hanga 250 ta’an gara Ruwaandaatti dabarsuuf waliigaltee taasifameen baqattoota gara Ruwaandaatti erguu jalqabdeetti.Yunaayitid Kiingidam bara Faranjootaa 2023tti karoorri ishee baqattoota gara biyya sadaffaatti erguu seeraan ala jedhamee mana murtii olaanaa biyyattiitiin erga dhorkamee booda saganticha dhiisteetti.

✓ Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kan Biroo Argachuuf:
■ Website: https://moaatv.com/
■ Telegram: https://t.me/tvmoaa1
■ YouTube: https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
■ TikTok: https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en
Subscribe, Like fi Share gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...

Waltajjiin Gumii Balal marsaa...

Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata...

“Biyya cimtuu fi dinagdeen...

Magaalaa Shaggariitti Sagantaan beekamtii Hirmaannaa Hidha Haaromsaa fi Mariin Paanaalii...

Scroll to Top