“Biyya cimtuu fi dinagdeen guddatte ijaaruuf mariin Paanaalii murteesaadha”- Dr. Tashoomee Addunyaa


Magaalaa Shaggariitti Sagantaan beekamtii Hirmaannaa Hidha Haaromsaa fi Mariin Paanaalii gaggeeffamaa jira.
Marii kana irratti argamuun saaqinsa mariichaa kan taasisan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa, biyya cimtuu fi dinagdeen guddatte ijaaruuf mariin Paanaalii murteesaaa ta’uu fi hirmaannaa uummatni sochii misoomaafi nageenyaa irratti qabu kan cimsu ta’uu himanii maricha kan adda isa taasisu pirojektii urjii kan ta’e Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa xumuramuun injifannoo argame irratti marii gaggeessuudha jedhan.
 
Marii kana irratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa, ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, Af-yaa’ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee dabalatee hooggantootni magaalaa fi kutaa Magaalaa, maneejimeentii seektaroota, qaamolee hawaasaa garaa garaa fi abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee argamuun argamaniiru.
Sanadni marii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa karaa Ittigaafatamaa Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar Obbo Balaay Raggaasaan dhiyaachaa jira.
Lagni Abbaayyaa qabeenyaafi biyyee keenya baatee biyya ormaa misoomsaa turuun lammilee fi hawaasa xiiqeessuun hidha isaa hojjetatee xumursiifachuun birmaadummaa biyyaa bu’uura hin warraaqne irra akka kaa’e Obbo Balaay sanada dhiyeessaa jiraniin ibsaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Magaalaa Shaggaritti bara kana...

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti bara 2017 kana galii qarshii Biliyoona 23.7...

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil...

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018...

”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...

Scroll to Top