Waldaan walgargaarsaa Biqiltuu Mana Sibuu dhaabbata pirojektii C.U.R.R waliin ta’uun hospitaala Mandiif deggarsa taasise
Waldaan walgargaarsaa Biqiltuu Mana Sibuu dhaabbata pirojektii C.U.R.R waliin ta’uun hospitaala mandiif deggersa meeshaalee yaala fayyaa gosa gara garaa gumaachee jira.
Dhaabbanni pirojektii C.U.R.R dhaabbata biyya Ameerikaa yoo tahu, hospitaalota hanqina meeshaalee yaala fayyaa qabaniif yeroo ammaa deggarsa gara garaa gochaa kan jiruudha.

Haaluma kanaan dhaabbanni kun Hospitaala Mandiif deggersa meeshaalee fayyaa tilmaamaan qarshii Miiliyona 56 kan gumaache yoo ta’u, Diyaaspooraan dhalattoota Mana Sibuu ammoo qarshii mil. 4.6 fi akkasumas deggersa dhaabbata biroo waliin ta’uun deggarsi taasifame kun akka gara biyyaa seenuuf gumaacha taasisanii jiru.
Waldaan misoomaa Mana Sibuu gargaarsa waldaan waliin wal gargaarsaa Biqiltuu Mana Sibuu fi shariikaan isaa hospitaala Mandiif gumaacha godhaniif galateeffatanii jiru.

Hospitaalli Mandii hanqinaalee tajaajila fayyaa hawaasaaf kennu irratti qabu furuuf gumaachi godhame kun karaa baay’ee deggeruu akka dandahu qaamoleen dhimma kana keessatti qooda fudhatan himanii jiru.
Dhalattoonni mana sibuu magaalaa Finfinnee fi magaalaa Shaggar jiraatan qaamolee garaa garaa gumaacha kana taasisan galateeffachuun, meeshaalee kana amanamummaan Hospitaalicha kan qaqqabsiisan tahuu himaniiru.
Itti dabaluunis dhalattoonni Mana Sibuu biyyoota garaa garaa keessa jiran biyya itti dhalatan yaadatanii deggersi kun akka hawaasa isaanii qaqqabuuf karaa garaa garaan qooda fudhatan galateeffanii jiru.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya...
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa karoora xiiqii bara 2018 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa...
”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...
Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti torbeen...
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti torbeen Baazaarii fi...

Yaada Kenni