Sagantaa Waldorgommiifi Agarsiisa Ogummaa, Teeknooloojii, Yaadama Biizinasiifi Qorannoo Gochaa


Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa akka Oromiyaatti gaggeeffamuu eegale

Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa akka Oromiyaatti guyyaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggaffamaa jiru irratti Kabajamoo Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Saa’adaa Abdurrahman argamuun eegalchiisaniiru.

Sirna baniinsa isaa irrattis haasawaa taasisaniin dhaloota saayinsi, teeknoloojiifi kalaqaan ga’oome uumuuf hojjetamaa jira jedhan. Dargaggoonnis adda durummaan humna jijjiiramaafi ce’umsa teeknoloojii biyya ijaaru jedhan. Dargaggoonni kunis ogummaan of ijaaruun waa uumuufi kalaquun yaadama biisineesii haaraan hojjechuu qabu jechuun ibsaniiru.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastera magaalaa Obbo Masfin Malaakuus haasaa taasisaniin hojiin dargaggootaan hojjetamaa jiru imala badhaadhinaaf abdii guddaa kan uumu jedhan. Dhaabbileen sirnaan yoo hogganamanis rakkoo hawaasaa furuu akka danda’u eeruun agarsiisa dorgommii kanarras inisheetiviin indastirii godoon qabames milkaa’aa jiraachuu arginerra jedhan.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Eebbaa Garbaa gama isaaniin mootummaan naannoo Oromiyaa misooma interpinerii, barnootaafi teeknoloojiin Oromiyaa ijaaruuf hojjechaa jira jedhan. Yaadama biisineesiin ilaalchaa jiruun hojii tuffachuun hafee carraan hojii biyya keessaafi alatti uumamaa jiraachuus himaniiru.

Waldorgommiin kunis leenjistoota, leenjifamtoota, sochooftota IMX, abbootii kalaqaafi Intarpiruunoota yaada bizinasii qaban gidduutti kan taaasiifamu yoo ta’u,dorgomtoonni poolitekinikaa godinaaleefi magaalota irraa kalaqaafi oomisha isaanii qabatanii argamaniiru.

Maddi:- Biiroo Koomnikeeshinii Oromiyaa

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Muummeen Ministiraa Doktar Abiy...

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ergamni ijoo dhaabbilee nageenyaa...

Manni Maree Bakka bu’oota...

  Baajata kana keessaas baasii idileef qarshii tiriiliyoona 1.2, baasii...

Waltajjiin Gumii Balal marsaa...

Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata...

Scroll to Top