Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii mirga abbummaa manneen jireenyaa lammiilee alaa raggaasise

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee Misoomaafi Geejjibaa labsicha ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa kennee jira.
Haaluma Kanaan Lafti kan uummataa fi mootummaa waan ta’eef lammiileen invastimantiif dhufan mirga laficha gurguruufi jijjiiruu kan hin qabne ta’uu fi Lammiileen alaa karaa mirga Itiyoophiyaanotaatti hin buuneen abbaa manneen jireenyaa ta’uun invastimantiirratti akka bobba’aniif kan hojjetamu ta’uu korichi ibseera.
Akka gabaasa FBCtti Lammiileen alaa gara Itiyoophiyaa dhufuun abbummaa manneen jireenyaa irratti akka bobba’aniif maallaqni Doolaarri Kumni 100fi kumni 50 kan kaa’ame yoo ta’u, adeemsa keessa fooyya’aa kan deemu ta’uus eerameera.
Hangi maallaqaa kaa’ame kun gadi aanaa waan ta’eef lakkoofsi namootaa gara Itiyoophiyaa dhufuu danda’anii dabaluu akka danda’u miseensonni mana marichaa kaasaniiru.
Lammiileen alaa invastimantii kanarratti bobba’uuf gara Itiyoophiyaa dhufan abbaa warraa, haadha warraafi ijoollee qofa kan hammate waan ta’eef lakkoofsi uummataa baay’achuu akka hin dandeenye ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa dhufan Finfinneen alatti hojjechuu yoo barbaadan bu’uura qajeelfama baheen naannoleen hojiirra kan oolchan ta’uus hubachiifameera.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa...
Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa...
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii...
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa bara...
Dhagaa bu’uuraa osoo hin...
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa...

Yaada Kenni