Himatamaan Yakka Ajjeechaa Rawwate jedhamuun himatame Hidhaa Umurii Guutuun Adaabame

Himatamaa maqaan isaa Saamu’eel Naadoo Ittaanaa jedhamu Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Hoomaa Ganda Siibaa Metoos bakka Addaa Koollee jedhame Waamamutti guyyaa gaafa 27/09/2017 galgala Keessaa tilmaaaman Sa’atti 12:00 Yeroo ta’utti Utuu Miidhamtuu dhuunfaa Yeroo Amma lubbuun hin jirre Maqaan ishee Nimoonaa Malkaamuu jedhamtu Mana Loomituu Bantii jedhamtu gala Osoo jirtuu Karaatti eeggachuun Lolaa itti Kaase.
Haaluma Kanaan qabee bosonaatti gadi harkisee haala garajabummaan guutameen dugdashee gara bitaa Yammuu Waranu Miidhamtuun Kufnaan bakka isheen Kufte jirtutti Sarbaa Miilla Mirgaa deddeebisee Waranuun garmalee dhiigaa dhangalaasee Miidhaa Cimaa irraan gahuun Miidhamtuun battalumatti akka lubbuunshee darbu taasisuu isaa Komishiniin poolisii Oromiyaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodeen ifoomseera.
Wayita kanatti miidhamtuun kun Waan duuteef Yakka ajjeechaa namaa Cimaa rawwachuutiin himatamee galmeen qorannoo isaas Kutaa Qorannaa Waajjira Poolisii Aanaa Hoomaa fi Abbaa Alangaa Aanaa Hoomaa Waliin ta’uun galmee qorannoo isaa erga qulqulleessani booda Waajjiraa Abbaa Alangaa Godina Wallaggaa Lixaatiif Yammuu dhiyeessan Abbaan Alangaa Godina Wallaggaa Lixaas Galmee isaanii Keessaa erga ilaalani booda Mana Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Lixaatti dhiyeesse.
Haaluma Kanaan Manni Murtichaas Dhaddacha Yakkaa guyyaa 15/11/2017 Ooleen balleessadha jechuun isaa fi fakkattoota isaa ni barsiisaa jechuun Hidhaa Cimaa Umurii Guutuun Adaabamu isaatu ifoome.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Eebba Mana barumasaa ‘Hawassa...
Mo’aa: (May 31. 2025 ) Finfinnee Manni barumasaa ‘Hawassa international...
Manni Maree Magaalaa Shaggar...
Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa kurmaana 3ffaa bara...
Waggoottan jijjjiiramaa asitti Mootummaan...
Hojii hanga ammaa hojjetameenis horsiisee bulaan deeggaramurraa gara oomishtummaatti ce’uun...

Yaada Kenni