Godina Harargee Lixaatti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geessisaa jira


 

Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugootti yeroo dhihoo asitti qeerransi Bosonaa bahuun mana namaa seenee miidhaa geessisuun taatee irra deddeebiin dhagahamaa jiru.

 

Sambata darbe aanaa kana Magaala Molee jedhamtutti qeerransi halkan mana namaa seenuun re’oota torba erga ajjeeseen booda sochii hawaasni qeerransa kana ajjeesuuf taasiseen namoota torba irraan miidhaa geessiseera.

 

Haaluma Kanaan Halkan qe’ee seenuudhaan re’oota sooramaa jiran nyaachuu fi sambata darbe qeerransi golatti seenee re’oota torba jalaa ajjeesuu jiraattuun aanaa Sanaa himuu BBC’n gabaaseera.

Jiraattonni qeerransa kana duuka bu’anii ajjeesuuf yeroo jedhanitti ammoo namoota torba iraan miidha geessisuus himan.

Torbee lamaan duras ganduma kana keessatti halkan mana namaa seenuun re’oota sagal nyaachuunis himameera.

Yeroo dhihoo asitti miidhaan qeerransaan hawaasarra gahu irra deddeebi’aa akka jiruu fi yaaddoo guddaa uumaa jiraachuu jiraattonni himuu gabaafameera.

 

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti ogeessa misoomaa fi itti fayyadama Bineensa Bosonaa kan ta’an Obbo Ashannaafii Mangistuu, miidhaa qeerransi geessisu kanaaf ka’umsi sirnakkoon bineensota bosonaa tuqamuurraa madda jedhan.

 

Bineensonni jeeqaman ammoo amala jijjiirachuun, mufachuun tarkaanfii fudhachuutti akka cehuu malan himanii, Gama kaaniin bineensonni akka qeerransaa fi waraabessaa garmalee baay’achuunis gara hawaasaatti bahanii miidhaa akka geessisaniif sababa ta’uu mala jedhu.

Miidhaa Harargeetti qeerransi geessisaa jiru kana quba qabaachuu kan himan ogeessi kuni, sababani sirriin beekamee tarkaanfii fudhachuuf garuu qorannoo gochuu akka feesisu himuu isaaniitu addeeffame.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan...

Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan marii Magaalaa Finfinneetti taasisaniin tumsasaanii waltajjii...

Konkolaataa Siinootiraakiin gabaa Itoophiyaaf...

konkolaataan fe’umsaa Chaayinaatti oomishamu Siinootiraak hanqina teeknikaa fi qulqullinaa  qaba...

Manni maree Bakka Bu’oota...

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka...

Scroll to Top