Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan marii Magaalaa Finfinneetti taasisaniin tumsasaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan.


Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan marii Magaalaa Finfinneetti taasisaniin tumsasaanii waltajjii gama heddumminaarratti qaban cimsuuf akka hojjetan beeksisan.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf Deetaa Ministira dhimmaa Alaa Jaappan Ayyaanoo Kuniimiitisu waliin teessoo Gamtichaa Finfinneetti Mari’ataniiru.

Jaappaanii fi gamtaan Afriikaa hariiroo waggootan 30 olii akka qaban dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa dubbatanii, hariiroo hammattoo foramii idil addunyaa misooma Afriikaa Jaappaanitti qaban kaasaniiru.

Fooramiin idil addunyaa misooma Jaappaan Afriikaa saglaffaan bara 2017 baatii hagayyaa Yokohaamaatti gaggeeffame waldeeggarsa biyyoota lamaanii keessatti iddoon guddaan kan kennamuuf ta’uu ta’uu dubbataniiru.

Marichi tumsa gam-lamee biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Jaappaan Afriikaaf deeggarsa ittisaa fi to’annoo dhukkubaaf (African CDC) taasisaa jirtu akkasumas guddinaa fi hariiroo fulla’aa Afriikaaf bu’uuraalee misoomaa deeggaraniif Qabeenya gumaacha jirtu guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.

Deetaan Ministira Dhimmaa Alaa Jaappaan Ayyaanoo Kuniimiitisuu fooramii Misooma Idil Addunyaa Jaappaan Afriikaa saglaffaa (TICAD) milkaa’inaan gaggeeffamuusaa dinqisiifataniiru.

TICAD 10ffaan Afriikaatti akka gaggeeffamuuuf Jaappaan Komishinii Gamtaa Afriikaa waliin dhiheenyatti hojjechuuf kutannoo qabaachuushee ibsaniiru.

Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan A.L.A bara 1993 eegalanii hariiroosaanii eegaaluusaanii odeeffaanichi mul’isa.

Nagaa fi Tasgabbii , Dinagdee ,Misooma Daldala ,Fayyaa ,Qonnaa, Teekinooloojii fi Jijiirama haala qilleensaa ittisuurratti tumsa gamhedduu keessatti kan eeramanidha jechuun kan gabaase ENA dha.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

“Lammiileen Ameerikaa Seera Immigireeshinii...

Lammiileen Ameerikaa turtii isaanii kan Itoophiyaa keessaa qabaniin seerota Itoophiyaa...

“Qabsoo uummata keenyaa sadarkaa...

Gamaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 2ffaa bara 2018  bakka...

Sagantaa Waldorgommiifi Agarsiisa Ogummaa,...

Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa...

Scroll to Top