Bara Barnootaa 2018 irraa eegalee Bilbila qabatanii Mana barumsaa seenuun dhorkameera.

Barri barnoota bara 2018 Fulbaana 2 marii barsiisaafi barattootaan akka eegalu Akkasumas barnoonni Wiixata Fulbaana 5 akka eegalu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Itoophiyaa keessatti Bara 2018 eegalee manneen barnootaa Itoophiyaa keessatti argaman hundumaa keessatti bilbila, taabileetii fi meeshaalee elektirooniksii qabatanii seenuun akka dhorkame Ministeerri Barnootaa beeksisee jira.
Biyyoonni tokko tokko akkaataaan itti fayyadama mobaayilii barnoota isaaniirratti miidhaa akka qabu ibsuun barattoonni qabatanii mana barnootaa akka hin seenne dhorku.

Akka Odeeffannoo BBC irraa arganneetti akka addunyaatti biyyoota afur keessaa tokko hin caalletu seera ykn imaammata bilbila manneen barnootaa keessatti dhorku tumatee qaba jedha gabaasni Adoolessa 2023 bahe.
Dhihoo Kooriyaan Kibbaa seera manneen barnootaa keessatti bilbila mobaayilii fi meeshaalee elektirooniksii fayyadamuu dhorku baasteetti.
Araada bilbila fayyadamuu ittisuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, waggaa dhufu eegalee hojiirra oola jedha gabaasi BBC.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...
Manni maree Bakka Bu’oota...
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka...
Pirezidaant Tiraamp muuxannoo godaantonni...
Daawwannaaf UK kan jiran Doonaald Tiraamp, Istaarmer wlaiin dhimma godaantotaa...

Yaada Kenni