Pirezidaant Tiraamp muuxannoo godaantonni akka US hin galle fayyadaman ministrira muummee UK’f qoodan


Daawwannaaf UK kan jiran Doonaald Tiraamp, Istaarmer wlaiin dhimma godaantotaa irratti mari’ataniiru jedhame.

Wayita Kanatti Godaantonni Ameerikaa akka hin galleef imaammata fayyadamu kaasuun UKnis akkuma keenya rakkoo godaantonni daangaa cabsuun seenuu qabdi jechuun Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dubbataniiru.

Akka Gabaasa BBCtti Daangaa irratti godaantonni akka biyya keessan hin galleef humna waraanaa bobbaasuu dandeessa jedhan.

Tiraamp erga gara aangootti deebi’ee namoota seeraan ala Ameerikaa galan jedhe deebisee baasuu irratti bobba’ee ciminaan hojjechaa jira.
Akkasumas namoota seeraan ala daangaa cehan jedhan to’achuuf humna waraanaas fayyadamuun eegsisaa turan.

Gaggeesitoonni lameen ”hariiroo addaa” UK fi USA waliin qabu kan jedhame yoo ta’u, Waliigaltee teeknoloojii biyyoonni lameen AI Hubannoo nam-tolchee addunyaa to’atan walii mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaatti dhaabbileen teeknoloojii US, UK keessatti akka hojjetan isaan gargaara.

Maddi:- BBC

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Itiyoophiyaan itti gaafatamummaa seena...

Jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aa gama hedduu Itoophiyaan galmeessitee...

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil...

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018...

“Tajaajilli lammummaa aadaa walgargaarsaa...

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo...

Scroll to Top