Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Dhaabbata Simintoo Daangotee Itiyoophiyaa gidduutti waliigalteen mallattaa’e
Kan Maxxanse: moadmin |
Fulbaana 22, 2025

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Dhaabbata Simintoo Daangotee Itiyoophiyaa gidduutti warshaa Simintoo magaalichatti babal’isuuf sanadni waliigaltee Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalichaa Dr Tashoomaa Addunyaafi Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaa Dhaabbatichaa Danilo Trugillo gidduutti sanadni waliigaltee mallattaa’eera.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa, Dhaabbata Simintoo Daangootee, Magaalicha filachuun sochii investimantii irratti hirmaachuu isaaniif galateeffatanii, Magaalli Shaggar Magaalaa yaadama Magaalota haaraan hundaa’uun giddu-gala dinagdeefi Investimantii akka taate himuun Dhaabbatichi sochii taasisu mara akka deeggaranis ibsaniiru.
Abbootii qabeenyaa hojii misoomaafi investimantii irratti hirmaachuu barbaadaniifis deeggarsa barbaachisu akka taasisanis himaniiru.

Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaan Dhaabbata Simintoo Daangootee Danilo Trugillo, Itoophiyaatti waggoottan kurnan darban keessatti hojii hojjetameen Itoophiyaan guddina dinagdeefi misoomaa ariifataa galmeessuun ishee Nayjeeriyaatti aanuun Itoophiyaan filannoo 2ffaa investimantii dhaabbatichaa akka taate himanii, Magaalli Shaggar sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf hojii hojjechaa jirtu waliigalteen mallattaa’e kaayyicha kan dhugoomsu akkasumas Magaalicha Zoonii industirii taasisuuf carraa guddaa akka uumus ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti sochii investimantii babal’isuun duudhaafi safuu hawaasa naannicha giddugaleeffachuun fayyadummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetanis hubachiisaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Investimantiifi Induustirii Magaalaa Shaggar Dr Haayilemikaa’eel Alamuu, Magaalli Shaggar Magaalaa giddu-gala investimantii akka taateefi sanadni waliigaltee Dhaabbata Warshaa Simintoo Daangootee Itoophiyaa waliin taasifame warshichi oomisha simintoo Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti, lafa hektaara 50 irratti babal’isuuf akka waliigalame ibsanii, Magaalichatti ji’a tokkoo asitti pirojektootni 120 oliif murtoon kennamee gara misoomaatti galchuus himaniiru.

Magaalaa Shaggar giddu-gala dinagdee, teknoloojii, kenna tajaajilaa ammayyaawaan, si’ataafi bu’aa qabeessa keessatti kennamuufi wiirtuu investimantii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Hojii hojjetameenis bu’aan hedduun galmaa’aa jiru.
Sochiin investimantii guddina biyya tokkoof murteessaafi humna ijoodha. Magaalaan Shaggar potenshaala investimantii qabduun abbootii qabeenyaa harkisaa jirti. Magaalichiis abbootii qabeenyaa sochii investimantii fi hojii misoomaa irratti hirmaachuu barbaadan keessummeessuun deeggarsa barbaachisu taasisuun haala mijeessaa jira.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Manni Maree Magaalaa Shaggar...
Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa kurmaana 3ffaa bara...
Itoophiyaan baatii Adoolessaa keessa...
Itoophiyaan buna ji’a Adoolessaa gara alaatti ergamerraa galii doolaara miliyoona...
Magaalaa Shaggaritti waltajjiin gamagama...
Mo’aa: (April 29. 2025) Finfinnee Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa...
Yaada Kenni