“Lammiileen Ameerikaa Seera Immigireeshinii Itoophiyaa kabajuu qabu”- Ambassadar Erviin Masingaa


Lammiileen Ameerikaa turtii isaanii kan Itoophiyaa keessaa qabaniin seerota Itoophiyaa beekuu fi qophaa’uun barbaachisaa ta’uufi seera immigireeshinii biyyattii kabajuun barbaachisaa ta’uu Imbaasii U.S. kan magaalaa Finfinneetti argamutti Ambassadara kan ta’an Erviin Masingaa himan.
 
Akka Gabaasa ‘Addis Standard’tti Imbaasii U.S. kan magaalaa Finfinneetti argamutti ambassadara kan ta’an Erviin Masingaa lammiileen Ameerikaa kan Itoophiyaa keessa jiraatan ykn daawwannaaf kan dhufan seera immigireeshinii biyyattii ciminaan akka kabajan dhaaman.
Masingaan sadaasa bara 2017 mootummaan Itoophiyaa godaansa seeraan alaa hir’isuuf jecha adabbii viizaa yeroo dheeraa turuu guyyaa tokkotti gara doolaara 30tti akka ol guddisee fi Adabbiin kun dafee kuufamuu akka danda’u hubachiisaniiru.
Ambaasaaddar Masingaan qondaaltonni immigireeshinii Itiyoophiyaa “lammiileen U.S. viizaa isaanii yeroo dheeraa turuu isaaniitiin adabaman hanga adabbii guutuu doolaara Ameerikaatiin kaffalanitti biyyaa akka hin baane dhorkuu danda’u” jechuun akeekkachiisaniiru. Akkasumas Imbaasiin U.S. hanga adabbii maallaqaa kana kaffaluuf liqii kennuudhaaf hayyama akka hin qabne ibsaniiru.
Adabbii akka hin mudanneef ambaasaaddarichi lammiileen U.S. viizaan turistii guyyoota 30 ykn 90 osoo hin xumuramin dura waajjira muummee tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Itoophiyaa deemuu turtii isaanii dheereffachuun viizaa ykn hayyama jireenyaa yeroo baay’ee ( yellow card) jedhamuun beekamu akka gaafatan
Masingaan lammiileen Ameerikaa karaa seeraan qabeessa ta’een Itiyoophiyaa keessa turuuf itti gaafatamummaa akka qaban cimsanii dubbachuun; kun akka lammiilee idil-addunyaatti mirgaaf dirqamaa isaanii qofa osoo hin taane, ” maallaqa karaa adabbiitiin irraa gahus hiri’usuuf ” murtee gaarii akka ta’e dubbachuu Isaanii Barruun Addis Standard gabaaseera.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...

Daldaltoonni of jaallattoonni tokko...

Daballii mindaa hojjettoota mootummaa waliin walqabatee hojiiwwan seeraan ala raawwatamuu ...

Waldaan walgargaarsaa Biqiltuu Mana...

Waldaan walgargaarsaa Biqiltuu Mana Sibuu  dhaabbata pirojektii  C.U.R.R waliin ta’uun...

Scroll to Top