Daldaltoonni of jaallattoonni tokko tokko daballii mindaa sababa godhachuun faayidaa hin malle barbaacha ariifachaa jiru.

Daballii mindaa hojjettoota mootummaa waliin walqabatee hojiiwwan seeraan ala raawwatamuu to’achuu ilaalchisee Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee ergaa dabarsan.
Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee ergaa dabarsan Daballii mindaa hojjettoota mootummaa waliin walqabatee hojiiwwan seeraan ala raawwatamuu to’achuu ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ergaa dabarsaniiru ergaan isaanii akka armaan gadiitti dhiyaata.
“Mootummaan fulbaana 2018 irraa eegalee haala jireenya hojjettootaa fooyyessuuf murteesse hojii gaarii fi tarkaanfii gaarii haala jireenya hojjettootaa fooyyessuuf gargaaru ta’uu ni hubanna. Daballii miindaa kun haala jireenyaa hojjettoota mootummaa, kanneen ummata biyya keenyaa keessaa %2 hin caalle fooyyessuuf, tajaajila mootummaan hawaasaaf kennu bu’a qabeessa taasisuuf akka ta’e ni beekama.
Muuxannoo kanaan duraa irraa akka hubatamutti hawaasni daldalaa harki caalaan seeraa fi sirnaan socho’uun isaa kan galateeffamu ta’us, daldaltoonni of jaalattoonni tokko tokko daballii mindaa sababa godhachuun haala jireenya hojjettootaa fooyyessuuf faayidaa hin malle akka barbaacha ariifachaa akka jiraan hubatameera.
Gochi akkasii gocha haamilee cabsu fiigichi faayidaa argachuuf taasifamu naamusa fi haamilee daldalaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gocha qaanessa ta’uu isaa beekamee bu’uura labsii lakk.980/2008 fi 813/2006 akkasumas seera yakkaa 1996 darbuun sochii daldala seeran alaa raawwachuun meeshaalee daldalaa fi tajaajiloota kamiyyuu irratti daballii gatii madaalawaa hin taane, ykn hanqina nam-tolchee uumuuf oomisha dhoksanii fi seeran ala kuusan hundi hojii akkanaa irraa akka of qusatan hubachiisuu barbaanna.
Akkasumas caasaan daldalaa sadarkaa sadarkaan jiru qaamolee haqaa fi nageenyaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan tasgabbii gabaa, hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuu, akkasumas adeemsi daldalaa haala gaariin itti fufuu akka danda’uuf namoota daldala seeran alaa raawwatan irratti tarkaanfii naamusaa akka fudhatamu beeksiisna.
Ministeera Daldalaa fi walitti Hidhaaminsa Naannawaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa
Beeksisa
Yaadota Kennaman
Yaada baay’ee gaariidha. Garuu sodaan keenya inni guddaanis kanumadha.yeroo mindaan dabaluufi fooya’insi taasifamu kan duraa caalaa sababa daballii meeshaalee shaqaxaaf jiraachuun abdii nama kutachiisa.ammas taanaan mootummaan gabaa to’achuurratti hojjechuu qaba.yoo kun hin taane cophxoo irratti fanxoodha.
Yaada Kenni
Oduuwwan Kan Biroo
Raabsa qorichoota sadarkaa isaanii...
Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaatti raabsa qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne ittisuuf...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...
Pirezidaant Tiraamp muuxannoo godaantonni...
Daawwannaaf UK kan jiran Doonaald Tiraamp, Istaarmer wlaiin dhimma godaantotaa...

baay’ee gaariidha