Waamichi Israa’el dorgommii Ispoortiirraa akka ugguramtu gaafatu dabalaa jira.


 

Gareen ogeeyyii UN fi Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez Israa’el dorgommiiwwan ispoortii idila addunyaarraa akka ugguramtu waamicha dhiyeessaniiru.
Waancaa Addunyaa bara 2026 US, Meksikoofi Kaanadaatu waliin qopheessa.
Akka Gabaasa BBCtti Yunaayitiid Isteets Israa’el Waancaa Addunyaa bara 2026 gaggeeffamurratti akka hin hirmaanne yaalii taasifamu kamuu dura akka dhaabbattu beeksiftee jirti.
Qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu Uefa gulaallii biyyoota awurooppaa dorgommii addunyaaf dhiyaatanii gaggeessaa jirus Israa’eliin dorgommicha keesaa baasuufi dhiisuurratti jalqaba torban dhuftuu walgahii ta’uuf akka jedhu gabaafameera.
Paanaaliin mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qaama kubbaa miilaa addunyaa bulchu, Fifa, akkasumas kan kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu Uefa garee biyyaalessaa Israa’el dorgoommiiwwan idila addunyaarraa akka dhorkan waamicha godheera.
Israa’el irra deddeebiin gochaan Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu duguggaa sanyii waliin qixxeedha isa jedhamu mormuun  Balaarraa of eeguuf tarkaanfii fudhattu ta’uus himti.

Uefa’n hirmaannaa Israa’el ilaalchisee torban dhuftu sagalee kennuuf deema jedhamus ammatti sagantaan qabame akka hin jirre beeksiseera.

Biyyattiin waancaa adunyaarratti hirmaachuuf dorgommii gulaallii godhamaa jiruun kan ramaddiishee dursitu Noorwaay irraa qabxii jahaan fagaattee sadarkaa sadaffaarra jirti. Hireen gulaallicha darbuushee hedduu guddaas miti.

Sababiinsaas ramaddii mara irraa gareen tokkoffaa bahuun xumure kallattiin yoo darbu warri lammaffaa bahan ammoo tapha mi’anii darbuutti ramadamanii hireesanaii yaalu.

Ministirri Haajaa Alaa Ispeen Peedroo Saanchees Israa’el akkuma Raashiyaatti ilaalamte dorgoommiiwwan ispoortii idila addunyaarraa ugguramuu qabdi jedhan.

Maddi:- BBC

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Magaalaa Shaggaritti bara kana...

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti bara 2017 kana galii qarshii Biliyoona 23.7...

Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa...

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2017’tti manneen jireenyaa kumni 55...

Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...

Scroll to Top