Baasiin Safaariikoom hojii gaggeessuuf baasu galii inni argatu akka caalu ibsame

Sababa Kanaanis Safaariikoom Itoophiyaan bara baajataa 2024 doolaara Ameerikaa miliyoona 300 fi miiliyoona 25 kasaare jedhame.
Akka Gabaasa Addis Standard yoo ta’e, Safaariikoom Itoophiyaan bara baajataa 2024 doolaara Ameerikaa miliyoona 300 fi miiliyoona 25 kasaaruunsaa galii dhaabbatichi waggaatti argatu doolaara Ameerikaa miliyoona 53.6 harka ja’aa ol akka caalu Madaalliin Gabaa Telekoomii Itoophiyaa (Ethiopia Telecom Market Assessment) Garee Baankii Addunyaan deeggaramuun ba’e agarsiise.
Akka Gabaasni Madaallii Gabaa Telekoomii Itoophiyaa agarsiisutti, Saafaariikoom hayyamaaf doolaaraa Ameerikaa biliyoona tokko kafaluutu irraa eegama. Kun ba’aa faayinaansii Itiyoo Teelekoom “irra hinjirredha” kan jedhu madaallin kun; Saafaariikoom waggatti hayyamaaf doolaaraa Ameerikaa miliyoona 66.7 akka kafalu eerun, kunis qofaa isaatti galii waliigalaa dhaabbatichi waggaatti argatuu, doolaara Ameerikaa miliyoona 53.6, ol ta’uu ifoomse.

Akkaataa bu’uuraalee misoomaa telekoomiif barbaachisan ittiin waliin qoodan ilaalchisee iftoominni waan hinjirreef Saafariikoom bu’uuraaalee mataa isaa dhibbeentaa 60 ijaarrachuuf dirqamuun baasii isaa olkaasuun himame.
Maddi:- Barruu Addist Standard
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.
Beeksisa
Yaadota Kennaman
Yaada Kenni
Oduuwwan Kan Biroo
“Tajaajilli lammummaa aadaa walgargaarsaa...
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
” Dargaggeessi Filatee , Rigatee Maatii Isaarra Taa’uun Cubbuudha ”...

Nuuf jabaadha