Tiraamp BBC’n maqaa koo balleesseera, seera daldalaas cabseera jechuun mana murtii Filooriidaatti himataniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himata maqaa balleessii doolaara biiliyoona shanii BBC irratti banan.
Dookumantarii BBC’n gabaasee tureen Doonaald Tiraamp maqaa koo balleessera kan jedhuun wal qabatee himati doolaara biiliyoona shanii BBC irratti banamee jira.
Tiraamp BBC’n maqaa koo balleesseera, seera daldalaas cabseera jechuun mana murtii Filooriidaatti himataniiru.
BBC’n Tiraampiin dhiifama gaafatus beenyaa kaffaluuf walii hin galle. BBC’n himannaa irratti banamee kanas hin fudhanne.
Abukaatoon Tiraamp BBC’n pirezidaanticha maqaa balleessuuf itti yaadamee kan qindaa’eedha jechuun dubbatan.
BBC’n himannaa kanaaf hanga ammaatti deebii hin kennine.
Dokumentariin kun filannoo Ameerikaa bara 2024 dura Yuunaayitid Kiingidam keessatti kan tamsa’e yoo ta’u, ji’a darbe Tiraamp BBC akka himatan dubbatanii turan.
Tiraamp ‘’himachuun qaba, jechoota afaan koo keessaa ba’an jijjiiraniiru’’ jedhan.
Ebla 6, 2021, hookkarri Kaapitoolii Hiilitti ka’uun dura, Tiraamp deeggartoota isaaniitiin “Gara Kaapitoolii deemna, Seneteraa fi miseensota koongireesii keenya jajjaboo ni jajjabeessina ” jedhanii turan.
Kana dubbatanii daqiiqaa 50 booda “hin qabsoofna, cimnee ni qabsoofna” yeroo jedhan dhaga’ame.
Dokumantarii kana keessatti haasaan lamaan walitti makamanii, “Gara Kaapitoolii deemna. Seneteroota fi miseensota kongireesii keenya jajjaboo ni jajjabeessina. . . hin qabsoofna ; cimnee qabsoofna.” Jechuun dhiyaate.
BBC’n gulaalliin kun ”waamicha kallattiin hokkora kaasuuf godhameetti dogoggoraan hiikamuu mala” jechuun amaneera. Haa ta’u malee, himata maqaa balleessii akka fidu irratti walii hin galle.
Ji’a Sadaasaa darbe keessa gabaasni BBC miliqee ba’e akka agarsiisutti gulaalliin dokumenterii kanaa qeeqamaa akka ture agarsiisa. Daarektarri waliigalaa BBC Tiim Deevii fi itti gaafatamtuun kutaa oduu Debooraa Turnis hojii irraa akka gaggeeffamaniif sababa ta’eera.
Tiraamp BBC utuu hin himatin dura abukaatonni BBC deebii kennanii turan.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Yaa’iin Idilee Paarlaamaa Daa’immanii...
Bakka Buutuu Waajjiraa Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Shaggar Aadde...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon...
Mootummaan Fulbaana dhufurraa eegalee...
Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa...

Yaada Kenni