Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa Marsaa 7ffaa gaggeessan.
Kan Maxxanse: moadmin |
Bitooteessa 3, 2026

Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti gaggeessanii jiru.
Sagantichi Kaayyoofi galma gurguddaa imala paartii Badhaadhinaa irratti hubannoo dargaggootaa cimsuun shoora dargaggootni filannoo biyyaalessaa milkeessuuf qabanirratti xiyyeeffachuun qindoomina Gurmuu dargaggoota Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatiin kan qophaa’edha.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kana geggeeffamu keessatti Dargagootni humnaafi utubaa dinagdee biyyaa jabaa ta’an dammaqinaan hirmaachuun filannichi karaa nagaa, diimokiraatawaafi haqa-qabeessummaa isaa eeggateen akka milkaa’u taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Itti gaafatamaan ijaarsa addaa diimokiraasii Obbo Mogos Ida’ee,barii jijjiiramaarraa eegalee hojii boonsaa Dargaggoonni keenya biyyaafi sirna ofiisaanii ijaarrachuuf hojjetaniin gara ifa qabatamaatti ceenee jirra. Jijjiirama aarsaa qaalii Dargaggoonni kumaatamaan itti kaffalaniin injifannoo gurguddaan akka biyyaatti galmaa’eera. Kana tiksuufi itti fufsiisuuf tokkummaafi waloomni Dargaggootaa murteessaa ta’uu eeran.
Kaayyoon guddaa Paartii Badhaadhinaa Addunyaaf biyya waa mara, Diimokiraasii, Dinagdee fi nageenyaan fakkeenya taateete ijaaruudha. Kana milkeessuufis Dargaggoonni humna guddaafi abdii biyyaa ta’an gahee olaanaa qaban haalaan bahachuu akka qabanis himan.
Itti gaafatamaan Gurmuu Dargaggoota Oromiyaa Dargaggoo Darajjee Abarraa Guddina Misooma dinagdee,Siyaasaa, Diimokiraasiifi sochii cehumsa imala badhaadhinaa biyyi keenya taasisaa jirtu hubachuun tokkummaafi waloomaan kallattii egeree biyya keenyaa gara biyya fakkeenya addunyaa taatetti tarkaanfachiisuun murteessaa ta’uu heeranii, Badhaadhina hawwamu kana bira gahuuf Dargaggoonni gahee leencummaa bahaachaa jiran filannoo biyyaalessaa Marsaa 7ffaa kana keessattis caalmaan mirkaneessu qabu jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, Filannoo biyyaalessaa bilisa, diimokiraatawaa fi uummata biratti amanamaa ta’e gaggeessuufi galma Paartiin Badhaadhinaa qabate milkeessuu keessatti Dameen Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaafi Magaalaa Shaggar kutannoo, naamusaa fi olaantummaa yaadama Paartiin hojjechuu akka qaban hubachiisan.
Itti dabaluunis Egeree biyyaa ijaaruu keessatti gaheen dargaggootaa olaanaa akkuma tahe ijaarsa diimokraasiif adeemsa siyaasa biyyaa guddisuun imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf filannoo dimokratawaa geggeessuun murteessaadha, Kanaafis dargaggoonni egeree biyyaa ijaaruuf milkaa’ina filannoo biyyaalessaaf tumsuu qabu jedhan.
Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi mallattoo filannoo kana irrattis Ittigaafatamaa ijaarsa addaa diimokiraasii Obbo Mogos Ida’ee,Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu akkasumas Afa-yaa’ii mana maree Magaalaa Shaggar Obbo Qaabatoo Albee, Ittigaafatamaa Gurmuu Dargaggoota Oromiyaa Darg. Darajjee Abarraa fi hooggansa jaarmiyaalee Dargaggootaa sadarkaan jiran argamaniiru.
Maddi:- komnikeeshinii Magaalaa Shaggar
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Emereetota...
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Emereetota Araba Gamtoomanii Shaarjaatti balallii haaraa jalqabuuf...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waggota lamaan darban keessatti hojjetaman...
Hormuz dura uggura galaanaa...
Hormuuz Ilaalchisee Dhumee torbee darbee yeroo itti burjaajiin uumame ture....
Yaada Kenni