Pirojektiin Humna Qilleensaa Asallaa Eebbifame.


Pirojektiin Humna Qilleensaa Asallaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banamee jira.

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad, gama anniisaa qilleensaan dukkana dhabamsiisuuf, karooraa addaafi qorannoon duraa dandeettii adda baaseen gara hojiitti kan seename Maddisiisni anniisaa qilleensaa Asallaa guyyaa har’aa dhugoomuu ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin eeraniiru.

Pirojektiin kun dhiyeessii humnaa qulqulluu Meegaa Waattii 100 dabaluun imala gara carraa humnaa damee hedduufi egeree ijaaruutti taasifamu kan cimsu ta’uus ibsaniiru.

Kunis dhiyeessii humnaa amansiisaa mirkaneessuufi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf kutannoo qabnu mirkaneessa jechuun ibsaniiru.

Pirojektii dandeettii dabalataa humnaa bara kanaa ta’e Naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti argamnee eebbisiisaa; bu’aan argame hojiileen akka kanaa babal’isuuf nu kakaasu jedhan.

Imalli Itiyoophiyaa dameewwan hundaan galmneessinu cimee itti fufaa daran misoomaa deemas jedhaniiru ergaa isaaniin.

Haaluma Wal fakkaatuun Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa eebbifamuu pirojektichaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan jijjiiramaa hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa ta’anii fi jireenya ummataa bu’uuraan fooyyessanii hojjechaa turuu fi Mootummaan naannichaa misooma bu’uuraalee misoomaa naannichaa saffisiisu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuus ibsaniiru.

Keessattuu, dhaqqabummaa fi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsa daandii amma jiru xumuruu bira darbee daandiiwwan haaraan hojjetamuu ibsaniiru.

Damee fayyaatiin hospitaalonni hedduun ijaaramanii hojiitti galuu isaaniis ibsuun, hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma bu’uuraalee jallisii hojjetamuu eeraniiru.

Hojiileen ummanni jireenya isaa akka jijjiiru dandeessisan kunneen cimee akka itti fufan ibsuun, milkaa’ina kanaaf hoggantoonni hundi kutannoodhaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Buufanni anniisaa humna qilleensaa har’a eebbifames misooma naannichaa saffisiisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uus ibsaniiru.

Ummanni Godinichaa carraa gaarii argateen hiyyummaa fi duubatti hafummaa dhabamsiisuu akka qabus dubbataniiru.
Ummanni qabeenya argate qusachuun gara damee invastimantiitti ce’uun itti fufiinsaan of jijjiiruu akka qabus dubbataniiru.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa...

Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo...

Magaalaa Shaggaritti bara kana...

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti bara 2017 kana galii qarshii Biliyoona 23.7...

Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...

Scroll to Top