Pirezidaant Tiraamp hanga Iraan walii galtutti uggura Hormuz irratti kaa’ame akka hin kaasne beeksisan.


Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ; Ameerikaan uggura buufata doonii Iraan irra keessee jirtu akka hin kaafne beeksisaniiru.

Dubbiin pirezidaantichi dubbatan kun kan dhagahame yeroo mariin marsaa lammataa waraana kana ni xumura jedhamee abdatame gaggeeffamuu akka danda’u mirkanaa’aa ta’uu hin dandeenyettidha.

Tiraamp qoqqobbii isaan torban tokko dura hojiirra oolchan ”Iraan guutummaatti balleessaa jira” jechuun fuula miidiyaa hawaasaa X (Twitter\ isaanii irratti barreessaniiru.

Tiraamp itti dabaluudhaan biyyi isaanii karaa hedduudhaan waraana kana injifachaa jirachuu eeran.

Yaadni Pirezidaanti Tiraamp kun kan dhiyaate waliigaltee yeroof dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti xumuramuu isaa guyyoota lama qofa dura ture.

Haa ta’u malee, mariin nagaa marsaa lammataa Paakistaan ​​keessatti ni gaggeeffama jedhamee eegamu kan raawwatamu ta’uu isaa fi dhiisuu isaa mirkanaa’aa miti.

Mariin kun gaggeeffamuu danda’a jedhamee abdatamuun magaalaa guddoo Paakistaan ​​Islaamaabaad keessatti nageenyi cimaadha.

Garuu itti aanaan prezidaantii J.D. Vaans kan jila Ameerikaa hoogganaa jiran Waashingitan keessaa kan hin baane yoo ta’u,
Iiraanis marii kana irratti hirmaachuu fi dhiisuu ishee kan hin murteessine ta’uu beeksisteetti.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka beeksisetti, humni galaanaa Ameerikaa erga qoqqobbiin kun jalqabee dooniiwwan 27 gara buufata doonii Iraanitti deebisuu isaa beeksise.

Ameerikaan Wiixata darbe doonii fe’umsaa alaabaa Iraan qabdu kan jalqabaa qoqqobbii irra kaa’ame jalaa miliquuf yaalte jechuun to’attee jirti.

Viidiyoon CENTCOM qoode akka agarsiisutti loltoonni Ameerikaa doonii kana yaabbachuu isaanii dura akeekkachiisa kennaniiru.

Tehran taatee kana ‘waliigaltee dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaanii cabsuu’ jechuun waamte.

Iraan dhiyeessii boba’aa addunyaaf rakkoo ijoo ta’e ‘Hormuz’ ji’oota lamaaf cuftee gatiin boba’aa fi gaazii addunyaa akka ol ka’u taasiseera.

Buufatni doonii kun Dilbata yeroo gabaabaaf deebi’ee kan baname yoo ta’u, dooniiwwan qarqara galaanaa ykn naannoo sana jiran Teehiraan irratti xiyyeeffatamuu isaanii erga gabaafamee booda dafee deebi’ee cufame.

Iraan hanga Ameerikaan buufata doonii cufuu dhaabdutti qaxxaamuraa kana akka cuftu beeksifteetti.

Teehiraan jila erguuf mirkaneeffachuu yoo baatteyyuu, marii nagaa marsaa lammataa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa akka jiru mallattoon mul’achaa jira.

Jalqaba baatii kanaa marii marsaa jalqabaa booda itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa J. D. Vaans ”Iraanoonni qabxii keenya fudhachuuf fedhii hin qaban” kan jedhan yoo ta’u, ministirri haajaa alaa Iraan ammoo Waashingitan ”gaaffii sababa hin qabnee fi gaaffii seeraan alaa” dhiyeessu irraa akka of qusattu gaafataniiru.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...

Itiyoophiyaan itti gaafatamummaa seena...

Jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aa gama hedduu Itoophiyaan galmeessitee...

Ijoollee sababoota garagaraan talaalli...

Biiroon fayyaa Oromiyaa sagantaa tajaajila talaallitiin ijoollee sababa adda addaatiin...

Scroll to Top