Iraan sababa waraana Ameerikaa fi Israa’el waliin taasifteen Iraanitti yoo xiqqaate namoonni miiliyoona lama hojii dhabaniiru.


Iraan sababa waraana Ameerikaa fi Israa’el waliin taasifteen kallattiinis ta’e al-kallattiin humna hojjettootaa guddaa hir’isuuf dirqamteetti.

Ministirri Deetaan Ministeera Hojjetaa fi Nageenya Hawaasummaa Gholamhossein Mohammad guyyoota lama dura sababa waraana kanaan namoonni miliyoona lama hojii dhabaniiru jedhan.

Hojii irraa hir’ifamuun bal’inaan lammiilee Iraanirratti raawwate miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo ta’ee jira.

Dhiibbaan kun warshaalee sababa haleellaa qilleensaatiin cufaman qofa irratti kan daangeffame miti. Oomishtoota biroo, daldaltoota, galchitootaa fi al-ergitoota, akkasumas damee dijitaalaa irrattis dhiibbaa uumeera.

Namoonni hedduun meeshaalee barbaachisoo bitachuu dhiisaniiru, kunis daldaltoota biroo kanneen akka turizimii, mana nyaataa fi manneen gurgurtaa nyaataa irratti dhiibbaa uumeera.

Uggurri aanga’oonni Iraan erga waraanni kun jalqabee interneetii irratti kaa’an dameewwan teeknooloojii fi dijitaalaa biyyattii keessatti guddina guddaa qaban irrattis dhiibbaa uumeera.

Angawoonni sababa nageenyaaf jecha interneetii cufuuf murteessuun isaaniis dhiibbaa uumeera.Kunis hordoffii, basaasummaa, fi haleellaa saayibarii ittisuuf akka ta’e eerameera.

Ministirri Teeknooloojii Odeeffannoo fi Komunikeeshinii Iraan Sattar Hashemi kanaan dura akka jedhanitti, addaan cituu intarneetiin guyyaatti yoo xiqqaate doolaara miiliyoona 35 diinagdee biyyattii dhabsiisa.

Akka lakkoofsa kanaatti erga waraanni kun jalqabee guyyoota 52f intarneetiin cufamuun diinagdee Iraan doolaara biiliyoona 1.8 ol dhabsiiseera jechuudha.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Magaalaa Shaggaritti  qonnaan bultoonni...

Magaalaa Shaggaritti Haala Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa Mirkaneessuun Danda’amu Irratti Qooda...

Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa...

  Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa...

Konkolaataa Siinootiraakiin gabaa Itoophiyaaf...

konkolaataan fe’umsaa Chaayinaatti oomishamu Siinootiraak hanqina teeknikaa fi qulqullinaa  qaba...

Scroll to Top