Magaalaa Shaggaritti  qonnaan bultoonni 707 gara investmentiitti ce’aniiru.


Magaalaa Shaggaritti Haala Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa Mirkaneessuun Danda’amu Irratti Qooda Fudhattoota Waliin Mari’atameera.

Magaalaan Shaggar magaalaa qonnaan bulaa hammachuun dinagdee qonnaan bulaa cimsuun fayyadamummaa isaa ittifufinsaan mirkaneessuuf karoora addaa qopbeessuun dhimmamtoota waliin xiyyeeffannoon hojjetaa jirtudha.
Guyyaa har’aas dhimma kanarratti qindeessummaa Waajira Investimentii fi Industiriitiin qooda fudhattoota waliin mariin taasifameera.
Hundeeffama Magaalaan Shaggariin booda qonnan bultoonni 707 gara investmentiitti akka ce’an taasifame yoo ta’u hundeeffama Shaggar dura irraa eegalee hanga ammaatti qonnaan bultoonni 1590 ta’an gara investmentiitti ce’aniiru.
Waltajjicha irratti kan argaman Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo Magaalaan Shaggar magaalaa akka kaleessaa qonnaan bulaan keessatti moggeeffamu osoo hin taane magaalaa dinagdeen qonnaan bulaan keessatti cimudha jedhan. Kanaafis, magaalichi qooda fudhattoota dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Obbo Guyyoon qonnaan bulaan gara investimentiitti akka ce’uuf liqii akka argatuufi waan hojjetee argatu irraa ammoo akka qusatuuf dhaabbilee Faayinaansii waliin hojjetamuu qaba jedhan.
Sadarkaa Piresidantii Itti aanaatti Kantibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa bu’aa qabeessummaa investmentii qonnaan bulaa mirkaneessuuf hojiin fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkanessuu xiyyeeffannoo hoggansaa ta’uun karoorri qophaa’e qulqullinaa fi ariitiin olaanaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Keessumattuu, rakkoo faayinaansii qonnaan bultootaa hundee irraa hiikuuf Baankii Siinqee waliin ta’uun tajajila liqaa si’ataa akka kennamu irratti walii galamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Kanaafis, sekteraaleen
qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Maddi:- Komnikeeshinii Magaalaa Shaggar

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa...

Mo’aa : (June 28. 2025) Finfinnee Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa...

” Karoora Ofdanda’uutiin Industiraalummaa...

Karoorri Ofdanda’uu indastraawummaa waamaraa mirkaneessuun gufuuwwaan ce’uumsaa bu’uurarraa hiikuu, darbees...

Mootummaan Zimbaabuwee seera bara...

  Kaabineen Zimbaabuwee wixinee seeraa bara angoo pirezidaantii biyyattii hanga...

Scroll to Top