Waraanni US-Israa’el fi Iraan guyyaa afraffaadhaaf itti fufeera.

Waraanni US-Israa’el fi Iraan guyyaa afraffaadhaaf itti fufeera.
Waraanni US-Israa’el fi Iraan guyyaa afraffaadhaaf itti fufee jiruun Israa’el haleellaa haaraa Tehraan fi Beerut irratti eegalteetti.
Waraana Kanaan Wal qabatee Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu loltoonni biyyattii daangaa Libaanos iddoowwan tarsiimawaa ta’an akka qabatan ajajaniiru.
Haleellaa Hezboollatiin uummanni daangarra jiraatu akka hin miidhamne gochuuf loltoonni biyyattii Kibba Libaanos iddoowwan murteessoo ta’an akka qabataniif ajaji darbuu Minsitirri Ittisa Israa’el Kaatz beeksiseera.

Waraana guyyaa afraffaa qabate Israa’el haleellaa qilleensaarraan Beeruut fi Iraan irratti cimsiteetti. Qiyyaafannoowwan adda baaste haleelaa kan jirtus yoo ta’u, Iraan ammoo Embasiin Ameerikaa magaalaa guddoo Sa’uudii Arabiyaa, Riyaad jiru dirooniiwwan lamaan haleelteetti.
Buufati Ameerikaa Bahreen jiru guutummaatti barbadaa’uu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.
Gama biraan Qondaalli Iraan tokko dooniiwwan ulaa galaanaa boba’aa addunyaa geejjibsiisuuf murteessaa ta’e ”Hoormuuz” darban hunda akka haleelan akeekkachiisaniiru.
Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo humni waraanaa US ”ammaan booda haleellaa cimaa” Iraan irratti raawwata jedhan. Qondaalli kun erga Tiraamp ”yaaddoo Tehraan keessa jiru balleessuuf”’ haleellaan Sambataa ”carraa dhumaa fi akkaan filatamaa ta’edha,” jechuun dubbatee booda akeekkachiisa kana kennan.
Maddi ; BBC
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin...
Gidduu kana Siidaa Kumsaa Morodaa Magaalaa Naqamtee Marfata 1ffaa irra...
” Karoora Ofdanda’uutiin Industiraalummaa...
Karoorri Ofdanda’uu indastraawummaa waamaraa mirkaneessuun gufuuwwaan ce’uumsaa bu’uurarraa hiikuu, darbees...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...

Yaada Kenni