Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa kumni 55 ol ijaaramuun dabarfamuun ibsame


Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2017’tti manneen jireenyaa kumni 55 fi 729 ijaaramuun dabarfamaniiru jedhan Kantiibaan Magaalichaa Adaanech Abeebeen.
 
Kantiibaa Adaanech Abeebeen gabaasa raawwii karoora bara 2017 bulchiinsa magaalichaa wayita dhiyeessan akka jedhanitti, hojiileen namarratti xiyyeeffataniifi jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru.
 
Fedhii mana jireenyaa guutuuf tattaaffiin garaagaraa taasifamaa jiraachuu kaasanii, hojiin ijaarsa manneenii namoota dhuunfaa, misoomsitoota Riil Isteetii, hirmaannaa hawaasaafi mootummaan hojjetamuu yaadachiisan.
 
Haaluma Kanaan misoomsitoota dhuunfaan manneen kumni 11 fi 260, misoomsitoota Riil Isteetiin manneen kumni 30 fi 507, hirmaannaa hawaasaan manneen kumni 8 fi 786 haaromfamuufi kaafamtoota misoomaaf manneen kumni 5 fi 176 mootummaan ijaaramuu eeran.
 
Manneen mootummaa 453 fi manneen waliin jireenyaa 212 seeraan ala qabamanii turan gadi lakkisiisuun kutaalee hawaasaaf dabarfamuus ibsaniiru.
 
Damee misooma daandiin hojiileen ijaarsaafi haaromsa daandii uwwisa daandii guddisan, yaa’iinsa tiraafikaa ariifachiisan, nageenya daandii mirkaneessan, invastimantiif haala mijataa uumaniifi qisaasama yeroofi baasii hir’isan hojjetamuu kaasaniiru.
 
Haaluma Kanaan daandiin aspaaltii kiiloomeetirri 371, daandiin koobilii kiloomeetirri 95.2, daandiin cirrachaa kiiloomeetirri 16.1fi daandiin imaltoota lafoo kiiloomeetirri 107 ijaaramuu hubachiisanii, dallaan ittisaafi bo’oon lolaa kiiloomeetirri 3.7 hojjetamuufi daandiin kiiloomeetirri kuma 1fi 180 suphamuun tajaajilaaf banamuus yaadachiisan.
 
Maddi:- FBC

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Mootummaan Fulbaana dhufurraa eegalee...

Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa...

Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...

Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...

Pirezidaant Tiraamp muuxannoo godaantonni...

Daawwannaaf UK kan jiran Doonaald Tiraamp, Istaarmer wlaiin dhimma godaantotaa...

Scroll to Top