Paartiin Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti sosochii duula na filadhaa gaggeesse.


Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Paartiin Badhaadhinaa sosochii duula na filadhaa gaggeessee jira.

Sagantaa duula na filadhaa kana irratti Af -yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurramaan, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru irratti argamaniiru.

Af – Yaa’iin Caffee Oromiyaa kabajamoo Aadde Sa’adaa Abdurramaan biyya keenya Hidha Haaromsaa Itoophiyaa dabalatee pirojektoota gurguddoo xumursiisuun olka’insa irra akka jirtu kaasanii, xomboraa misoomaa qabsiifnee Itoophiyaan Abdii Badhaadhina Afriikaanootaa ta’uus dubbataniiru.

Sagantaa duula na filadhaa kana irratti Af -yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurramaan, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru irratti argamaniiru.

Af – Yaa’iin Caffee Oromiyaa kabajamoo Aadde Sa’adaa Abdurramaan biyya keenya Hidha Haaromsaa Itoophiyaa dabalatee pirojektoota gurguddoo xumursiisuun olka’insa irra akka jirtu kaasanii, xomboraa misoomaa qabsiifnee Itiyoophiyaan Abdii Badhaadhina Afriikaanootaa ta’uus dubbataniiru.

Badhaadhinni paartii olka’insa Itoophiyaa itti fufsiisu ta’uu kan himan Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Uummatnis kana itti fufsiisuuf Paartii Badhaadhinaa waliin hiriiruu akka qabanis dhaamaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, sosochii duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa taasifamaa jiru irratti argamuun haasaa taasisaniin, Itoophiyaan jijjiirama siyaasaa fi dingdee fiduun addunyaarratti biyya beekamaa jirtu ta’uu ibsanii, qormaatilee hedduus Paartiin Badhaadhinaa injifachuun milkaa’inota hedduu galmeessera jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa yaadama mandhalee haala qabatamaa biyya keenyaa yaada keessa galcheen rakkoo biyya keenyaa qabatamaan hiikuun olka’insa Itoophiyaa dhugoomsuuf hojjetaa jiras jedhan.

Hojiiwwan gama hundaan eegalaman qajeeltoo ariitii fi kalaqaan raawwachuun adeemsa guddinaa biyyootni guddatan keessa darban hunda hordofnee utuu hintaane, utaalchoon milkaa’ina olaanaa galmeessuun Itoophiyaa Fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf Paartiin Badhaadhinaa cichee hojjeta jedhan.

Maddi:- Komnikeeshinii Magaalaa Shaggar

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa...

Oromiyaatti  galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf  sanyii buna fooyya’aa  babal’isuun  xiyyeeffannoon...

Magaalaa Shaggaritti bara kana...

Akka magaalichaatti hojiiwwan karoorfaman akkaataa karoorfamaniin baay’ina, qulqullinaafi fi ariitii...

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Emereetota...

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Emereetota Araba Gamtoomanii Shaarjaatti balallii haaraa jalqabuuf...

Scroll to Top